Hara
Haroon qaama bishaan baldhina murtaa’e qabu kan kallatti hundaan qaama dacheetiin marfamee argamuudha. Harawwan uumamaan ykn kan namootan ijaaraman Hara Nam-tolchee ta'u dandahu. Harawwan uumamaa harawwan Sulula Qiinxamaa Guddaa keessatti argamanii fi harawwan Sulula Qiinxamaa Guddaan alatti bakkeewwan lafa ol ka’oo irratti argamaniidha.
Harawwan Sulula Qiinxamaa
Harawwan sulula Qiinxamaa Guddaa keessatti argaman gad fageenyaa fi gara dalgaattis dheerina waan qabaniif tajaajila geejjibaa ni kennu. Muraasni isaani:
- Hara Taangaanikaa
- Hara Hara Maalaawii
- Hara Kivuu
- Hara Edwaard
- Hara Albarti
- Hara Turkaanaa
- Hara Shaallaa
- Hara Laangannoo
- Hara Zuwaay (Danbal)
- Hara Abjaataa
- Hara Hawaasaa
- Hara Caamoo
Harawwan Sulula Qiinxamaa Guddaan alaa
- Hara Viktooriyaa
- Hara Xaanaa
- Hara Nagaamii
- Hara Chaadii
- Hara Okovangoo
Kanas ilaali
- Hara nam-tolchee
- Laga