Biilalee (Koonii)
Biilaleen ykn Muxxatni ( Afaan Ingiliffaa : cone ) danaa garsadee(G-3) ji’oomeetirii keessatti hundee geengawaa gama diriiroo tokkoon fi varteeksii gama diriiroo biraatiin kan qabatee fi Fuulli cinaachaa isaa fuula maramaa kanta'edha. Yeroo baayyee herrega keessatti Biilalee jedhama, boca ji'oomeetirii bu'uura geengoo qabu bakka bu'a. Garuu kun gosa Biilalee beekamaa ta’e tokko yoo ta’u, gosootni biroo garuu jiru (fkn piraamidii ).
Unkee Biilalee – Olee shaffaxaa, Bal’ina dirraa Biilalee fi Qabee Biilalee
Olee Shafaaxaa
Oleen Shafaaxaa Biilalee geengoo sirrii fageenya fiixee yookiin guuttiyyee irraa gara tuqaa sarara alaa bu’uura geengoo Biilalee irratti argamutti argamudha. Foormulaan Olee Shafaaxaa Ti’oorimii Paayitaagorasiin argamuu danda’a.
Olee shaffaxaa, l = √(r2+h2)
Qabee Biilalee
Qabeen Biilalee(V) kan raadiyaasiin geengoo isaa akka “r”, olee fiixee irraa gara bu’uuraatti akka “h”, fi dheerinni qarqara Biilalee “l” ta’e.
Qabeen(V) = ⅓ πr2h
Balinna dirraa
Ballina = πrl+ πr2
ykn
Area = πr(l + r)
Gosoota Biilalee
Akkuma kanaan dura hiika gabaabaa Biilalee ilaalle, amma waa’ee gosoota isaa haa dubbannu. Bu’uuraan, Biilaleen gosa lama qaba;
Biilalee Geengoo sirrii
Biilalee habalakaa
Biilalee Geengoo sirrii
Biilaleen bu’uura geengoo qabuu fi siiqqeen fiixee Biilalee irraa gara hundeetti argamu wiirtuu hundee geengoo keessa darba. Fiixeen Biilalee sirrii handuura geengoo argama. Jechi “sirrii” jedhu asitti kan fayyadame siiqqeewwan hundee Biilalee wajjin kofa sirrii ykn perpendikulaarii(Sarsududee) waan uumuufi. Kun gosoota Biilalee baay’inaan kan argaman yoo ta’u isaanis ji’oomeetirii keessatti kan fayyadamanidha.
Biilalee habalakaa
Biilaleen undeen geengoo qabu garuu siiqqeen Biilalee hundee waliin perpendikulaarii(Sarsududee) hin taane, Biilalee habalakaa jedhama. Fiixeen Biilalee kanaa sirrii/ kallatti wiirtuu hundee geengoo olitti hin argamu. Kanaafuu, Biilaleen kun Biilalee jallataa fakkaata.
Hallaggii(firaastemii) Biilalee
Yoo Biilaleen tokkoo varteeksii(gutiyyee) fi hundee isaa gidduutti dirooroo hundee isaatiin wal tarree ta'een murame, qaamni dirriroo lamaan gidduttii hafuu Hallaga Biilalee ykn xaabee/qunnaa jedhama.