Firaansiyeemii
Firaansiyeemii elementii keemikaalaa mallattoo keemikaalaa Fr fi lakkoofsi atoomikaa 87 qabu dha. Innis sibiilaa dha . Keemistirii keessatti garee elementoota sibiilaa sibiilota alkaaliin jedhaman keessa kaa'ama . Firaansiyeemiin baayyee xaanxeeffamaa dha . Albuuda yuuraaniyeemii fi tooriyeemii keessatti hamma baayyee xiqqaa ta'een argama . Elektiroonegaatiivii fi jaalala elektiroonii elementoota keemikaalaa hunda keessaa isa gadi aanaa qaba.
Firaansiyeemiin bishaan waliin humnaan walnyaata, akkuma elementoonni garee 1ffaa gabatee piriyoodii irratti argaman hundi.