Raagumsa

haaxii Aristootil.

Falaasamni ykn raagumsi qorannoo rakkoolee bu'uuraa fi waliigalaa ti, rakkoolen kunis wantoota akka dhugaa, jireenya, beekumsa, gatii, sababaa, sammuu, fi afaani wajjin wal qabatu. Falaasamni tooftawwan biraa ittiin rakkoo akkasii furan irraa kan adda isa godhu adeemsa tooftawaa waliigalaa fi qajeelfama fudhatamaa irratti bu'uureffamuu isaa ti. Haasaa tasaa namoonni godhan keessatti, yoo ballifamu, falaasamni yaada, fi ilaalcha namoota dhuunfaa ykn garee" ta'uu danda'a. Jechi "filoosoofii" jedhu jecha durii φιλοσοφία (filosoofiyaa) jedhurraa dhufe, hiikaansaas "jaalala beekumsaa/ogummaa" jechuu dha. Jechoota "filoosofera" fi "filoosoofii" jedhu kan jalqaba fayyadame filoosoofera Giriiki durii Paayitaagoras ture.

Raagumsi, jecha afaan oromoo raaguu jedhurraa kan maddee yoo ta'uu hiikkaan isaas jaaruu, beekumsaan galma gahuu,madda beekumsaa ibsuu, waa'ee hegeree faguu hiikkaalee jedhan kan qabatuu yoo ta'uu fufii yaasaa ''-umsa '' jedhu fayyadamuun unka gochima irraa gara maqaa geeddaramee; yaadrimee afaan ingiliziin "Philosophy" jedhamu ibsuuf itti mayii baana. Gaaffiiwwan bu’uuraa lee'umsaa, beekumsa, sakkoofi maalummaa dhugaa deebisuuf kan barbaadu hordoffii sammuuti. Falaasamni yaada qeeqaa, amantaa sirnaan qorachuu fi dhugaa barbaaduu jajjabeessa.Qorannoon falaasama seenaa hayyummaa dhala namaa keessatti waggoota kumaatamaaf giddu galeessa ta’ee ture. Jireenya dhala namaa hunda jechuun hanga danda’amutti kan tuqu, addunyaa naannoo keenya jiru akkamitti akka hubannu irraa kaasee hanga waan sirrii fi dogoggora ta’e akkamitti akka murteessinu ilaalata. Haxiileen (Falaasoonni) gaaffilee barbaachisoo ta’an kanneen akka:

  • Maalummaa dhugaa maali?
  • Hiikni jireenyaa maali?
  • Waan beeknu akkamitti beekna?
  • Karaan jireenyaa hundarra gaariin maali?

abuuru.

Falaasamni waa'ee yaada killayyaa ykn marii yaaxxinaa qofa miti. Barattoonni meeshaalee qeequun itti yaadan, rakkoolee xiinxalan, fi murtoo odeeffannoo irratti hundaa’e akka murteessan ni kenna. Ogummaaleen kunniin haala barnootaa kessatti qofa osoo hin taane jireenya guyyaa guyyaa keessattis gatii guddaa qabu.

Damee raagumsaa

Falaasamni dirree bal’aa yoo ta’u, akkuma yeroon darbaa deemuun dameewwan adda addaa kanneen yaaddoo addaa ta’an ilaaluuf mul’ataa jiru. Tokkoon tokkoon damee falaasamaa yaada fi muuxannoo dhala namaa gama adda addaa irratti fulleeffatu. Dameewwan falaasama gurguddoon kunooti:

Xiindhugomuumaa(metaphysics)

Meetaafiiziksiin amalaa dhugaa fi lee'umsaa ilaala. Gaaffiiwwan akka, "Uumamni ykn kalqi yeroo fi iddoo maali?" "Kalqi dammaqaa(consciousness) maali?" fi "Filannoo bilisaa qabnaa?" Yaad-rimeewwan akka ta’uumsaa(being), sababa fi bu’aa, akkasumas jiraachuu Waaqayyoo ykn aseelloolee(gods) qorata.

Beedduuba(Epistemology)

Beedduba jechuun qorannoo beekumsaati. Akkamitti beekumsa akka argannuu fi maal beekuu akka dandeenyu hubachuu barbaada. Daangaa hubannoo namaa fi garaagarummaa amantii(belief) fi dhugaa(truth) gidduu jiru qorata. Gaaffiiwwan ijoo beeddubaa keessaa, "Waan beeknu akkamitti beekna?" akkasumas "Dhugaan maali?" kan jedha durree gaaffiifi iyaafannoo isaaniti.

Sakkoo(Ethics)

Naamusni ykn sakkoon waan sirrii fi dogoggora ta’e ilaallata. Gaaffiiwwan naamusaa kanneen akka "Wanti sirrii ta'e maali?" "Gocha tokko maaltu safuu godha?" akkasumas "Jireenya gaarii jiraachuu jechuun maal jechuudha?" Naamusni murtii haala dhuunfaa, hawaasummaa fi siyaasaa keessatti qajeelcha. yaaxxina naamusaa gurguddoon raya-qabeessummaa (utilitarianism), dirqama hamilee (deontology), fi sakkoo safuu of keessatti qabatu.

Yaaya(Logic)

Yaayni qorannoo sababeeffannaati. Innis qajeeltoowwanii fi seera rageeffannaafi sababeessa sirrii ta’e bulchan of keessatti qabata. Yaayaan falmii gaarii fi hamaa adda baasuuf kan nu gargaaru yoo ta’u, yaada ifa ta’eef barbaachisaa dha. Falaasama keessatti yaayni walitti dhufeenyaa fi walsimannaa sababeessa falaasama madaaluuf kan gargaarudha.

Qorbareedinna (Aesthetics)

Qorbareedinni kan ilaallatu bareedina, oginafi camii. Waa’ee maalummaa bareedinaa, muuxannoo oginaafi gahee kalaqaa gaaffii ni gaafata. Falaasoonni damee kanaa akkamitti ogina akka dinqisiifannu, maaltu waan tokko akka bareedu fi hariiroo oginaafi currisa gidduu jiru qoratu.